Murni Wayyaaneen hogganamu qabeenya Oromoo fi saboota cunqurfamoo saamuu, mancaasuu fi saamsisuun ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo beelaaf akka saaxilaman gochaa jira. Si'a kana ammoo lafa Oromoo fudhatee Oromoo qee isaa irraa buqqisuuf jecha project baraaf irratti hojjetaa ture hojiitti hikuuf tattaaffii gochaa jira. Haala kanaan Uummani Oromoo Gujjii projektii albuuda warqee baasuu aanaa shaakkisoo oddo, naannoo sakkaarro jedhamutti dhaabbata 'Medroc' jedhamuun hojii irra olchuuf yeroo tattaafatetti uummati mormii qabu bifa adda addaan muldhifachaa jira.
Dhaabni qabeenya Oromoo saamsisuu fi qabeenya uumamaa mancaasuuf gara sanatti bobbaafame kun kun Ganna kudhan darban keessa projektii wol fakkatu naannoo Laga Danbiitti hojii irra oolchuudhaan ilmaan Oromoo naannoo sana jiraatan irratti miidhaa guddaa dhaqabsiisaa kan ture tahuun isaa ni yaadatama. Rakkoon uummata irra gahaa ture kun hanqatnaan marsaa lammaffaf projeektii lafa hektaara kuma afurii ol ta’u akka hojii irra oolu raawwachuuf mootummaan dhaabbata saamtuu kanaaf eeyyama kennee jira. Projektiin kun yoo hojii irra oole maatiin hedduun qe'ee fi qabeenya isaanii irraa ni buqqa'u, fayyaa(nageenya) loonii fi namaa irra dhiibbaan waggoota dheeraaf turu ni dhaqaba, akkasumas hongeen(goginsi) naannoo santti darana akka dabalu ni taasisa. Kunis dhiibbaan projecti duranii irraa miidhaa ammaan tana ifatti mul'achee jiru dha. Gochi akkasii kun yaada diinnummaa fi tarsiimoo saamicha qabeenyaa Wayyaaneen uummata Oromoo irratti qabdu haalaan kan mirkaneessu dha.
Kanaaf, nuti tokkummaan Barattoota Oromoo Yuunvarsitii Finfinnee tarsiimoo akkasii kana irratti mormii qabnu torban darbe ifa taasifnee jirra. Kanas kan raawwanne; bifa nyaata dhaabuun (nyaata laggachuudhaan), warqaa ejjennoo fi mormii keenya calaqqisiisu mooraa keessaa fi alatti tamsaasuudhaan, akkasumas hiriira nagaa bulchiinsa Yuunbarsitichaattii fi gara waajira dhaabaa OPDOtti bahuudhaan dha. Gaaffii keenyaaf kallattiidhaan deebii arggachuu yoo dhabne illee sochiin nuti gama kanaan goonu kan itti fufu ta’a. Dabalatas, sochiin tun diinaa fi fira keenya akka adda baafannu nu dandeechiseera. Nuti gama keenyaan hanga gaafiiin uummataa deebbi argatutti bifa barbaachisaa taheen sochii mormii keenyaa itti fufna. Kana ammoo bifa bu'aa qabeessa taheen raawwachuuf deeggarsi(tumsi) kallattii barbaachisaa taheen akka nu feesisu(nu barabaachisu) gaaffii hin qabu. Oromoon bakkayyuu qabeenya isaa manca’u ta’ee ilaaluu hin qabuun ejjennoo keenya.
Kanaaf keenya hardhaa kun isin(Dhaabni ykn Abon) uummata keenya naannoo garaa garaa keesummatti si'a kana Oromoo Gujjii irratti 'maqaa misooma(investment)' jedhuun Mootummaan Wayyaanee miidhaa geesisaa jiru irratti mormii goone(kan itti fufu) akka quba nuuf qabaattuun Oromoon marti bakka jiruu harka wal qabatee dhabama qabeenyaa fi dhaloota dhufuu baraaruuf ‘badiin gahe’ Oromoon qabenyaa fi hiree isaa irratti ofiin haa murteeffatu jedhee wal ijaaree qabsoo isaa finiinsuu qaba.
Injifannoo Ummata Oromoof!